Seenaa jaalalaa Obsaafi Seenaa mudate (asoosama gabaabaa)

Seenaa fi Obsaan kutaa 12ffaa barachaa jiru. jaalalaan jiraachuu erga kan jalqaban yeroo kutaa 9 baratanidha. Amma ammo lamaanuu qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa fudhachuuf qophaa’a jiru. Yeroon qormaatas ga’ee qormaata fudhachuu jalqaban. Yeroo kana garuu seenaa baayyee dhukkube utuma dhukkubus qormaata fudhachuu jirti. Kun ammoo Obsaanis waa’ee ishee yaada qormaata fudhachuun itti ulfaatus haala gaarii hojjateera.
Ji’a muraasa booda qabxiin qormaata deebi’e. Obsaan akkuma eegale qabxii gaarii galmeesse,seenaan garuu yeroo qormaata fudhattee sababa dhukkuba tureef hin darbine. Yeroon deemsa isaati geenyaan Obsaan Yuunivarsiitii barachuu deeme. Amma seenaa wajjiin kan wal argan karaa bilbilaa qofa. Wal malee jiraachuu akka hin dandeenye walitti himu.
Maatiin Seenaa , qabeenya hunda walitti qabuun akkasumas , qabeenya harka caalu nama irraa liqeeffachuun obboleettii Seenaa biyya alaatti waan erganiif , qabeenyi hafeef homtuu hin jiru . Sababii kanaaf , Seenaan waan ittiin mana barumsaa dhuunfaa ittiin barattu dhabde . Akkaata kanattis manatti galuun , callistee mana taa’uu filatte . Haala kanaan utuu jirtuus , gaaffiin jaalalaa ” mucaa keessan mucaa keenyaaf nuuf laadhaa ” jedhu yeroo adda addaatti namoota hedduu irraa maatii Seenaaf dhiyaachuu eegale . Isaanis yeroo dheeraaf irra deddeebi’anii diduu eegalan .

Haa ta’u iyyuu malee , namoota gaaffii dhiyeessaa turan sana keessaa maatiin Rabbirraa yeroo dhiyoo keessatti mucaa isaanii laachuufii ykn qabeenya isaanii irraa liqeeffatan galchuufii akka qaban waan itti himaniif , maatiin Seenaa fala dhabuun yaada kana keessummeessan . Sababni isaa namoonni gaaffii jaalalaa isaaniif dhiyeessaa jiran kun namoota qabeenya isaaniif liqeessanii jiran waan ta’eef Akkasumas qabeenya isaanii bakka fuudhanii deebisaniif waan dhabaniif , dhala qarshii yertuutti tilmaamuu eegalan. Namoonni gaaffii jaalalaa Seenaaf dhiyeessanis , daandii irra taa’uun , ba’aa fi gala ishee dhorkuu eegalan . Silaa muka jigetti qottootu baayyataa . Haa ta’u malee , gaaffiin kun karaa maati isheellee isheef dhiyaatus , namoota gara garaa irraa ishee qaqqabus , isheen onneen ishee kan banameef , Obsaaf qofa waan tureef , ishee ajaa’ibuu hin dandeenye .

Gaaf tokko guyyaa akka har’aa kana guyyattiin tokko waan qabattee waan as baate fakkaatti. Seenaan bakka hirriba isheetii hin kaane . Haati ishee garuu har’a keessummaa waan qabaniif , barii suubii ka’anii qophii mana keessaa eegalaniiru . Seenaan waan ta’aa jiru quba qabaachuu baattus , akkuma amala ishee hirribaa ka’uun mana sirreessuu eegalte . Amma hundumtuu qophaa’ee keessummootni dhufanii mana seenaniiru . Seenaanis yeroo kana argitu waan isaan dhufaniif dura yaada keessaa waan qabduuf , tilmaamuun ishee hin rakkisne Jaarsoliin sunis akkuma haasaa xiqqoo dubbataniin , gara dhimma dhufaniitti darban . Mucaa isaanii kanas , mucaa obbo Jiraataa Rabbirraaf akka laachuu qaban yeroo dubbatan , Seenaan callisuun dhaggeeffatti turte . Yeroo maatiin ishee akka laataniif dubbatan , aariin hudhamtee dubbachuufis , akkaataa dubbii dhabuu eegalte .

Ta’us , abbaa ishee waan sodaattuuf akka itti heerumuu hin qabne gabaabsitee itti himte . Silaa yoo jaalalleen qaba jette abbaan ishee gara jabinaan murtoo hamaa irratti waan fudhatuuf , kana hunda dhoksitee mormii ishee itti fufte . Yeroo dheeraa erga waliin dubbatanii booda , yeroo biraatti beellama qabuun dhala isaaniis akka laataniif waadaa seenanii walitti adda ba’an . Kun hunduu garuu fedhii Seenaan hin turre. Isheenis yeroo dheeraa falmitus , ifaataafi dhaanicha abbaa ishee sodaachuun , callistee ilaaluu filatte malee , tasa yaada kanatti walii galuu hin dandeenye.
Yeroo hedduu yeroo isaan dhimma kana kaasanii haasa ‘uu bilbila ishee fudhachuun isaan biraa deemtee muuziqaa adda addaa dhaggeeffachuun oduu isaanii sana ofirraa dheessiti . Abbaa isheefi haadha ishee waliinis yeroo dheeraa wal falmuu keessa keessa darbee abbaan ishee bilbila harkaa fuudhuu, akka wanta isheen bilbilaaf jettee tole ‘ jettuuttis doorsisuu eegale . Obsaan mooraa yuunvarsiiti seenee yeroo mara Seenaa waliin waliif bilbiluun wal haasofsiisu . Seenaan yeroo hunda barumsa isaatti jabaachuu akka qabu irra deddebitee isa gorsiti Innis barumsa isaa haala gaarii ta’een xumuree qe’eetti debi’uu akka qabu itti hima . Haala kanaan akka nama wal cina jiruu bilbilaan yaada waliif qooduu itti fufan . Obsaan barattoonni mooraa sanaa cimdii cimdiin taa’uun taphatan oggayyuu argu , miira isaa luugamuun , jaalallee isaa tokkittii waliin Seenaa dabarse duuba deebi’ee yaadachuun .
Jaalala dhugaa miyooftuu kan waliin dabarsine Egaa akkana taane ya caaltu fageenyatu na dhowwe Ati alaala teessee na yaadda Anis alaala taa’een si yaada Abshiir wal arguuf jirraa Seenaa ko Ammasittuu ‘ salaamataa’jedhee sirbee jaalala dur Seenaa waliin dabarsan sana yaadachuun , yaadaan gara qe’eetti qaari’a . Bakka ‘ Caaltuu ‘ jedhu ‘ Seenaa ‘ buusuun jaalala isaa ibsata . Silas maal haa godhu ! Barrisee ishee bira qubachuu hin danda’u . Yaada Isaan dhiphachaa haasaa bilbila keessaan godhaniin obsee jiraata .

Utuu inni taa’ee kana hunda yaadaan farda imaluu , bilbila isaa irra ergaan seene . Innis giphii isaa keessaa yeroo fuudhee ilaalu lakkoofsa inni hin beekne irraa kan ergameefi ture. Inni yeroo fuula ergaa kanaa baasee dubbisu waanta amanuun isaa nama rakkisu isaaf ergame . Innis battala lafa taa’aa jiruu utaalee ka’ee , asiifi achi fiiguu cegale . Ergaan sun kan ergame biyya inni itti dhalatee itti guddate irraati . Kan inni jedhus , ” Obsa , yeroo dheeraaf jaalala Seenaan miidhamaa akka jiraachaa yeroo keetiin woon turteefi jiraachaa jirtu beekamaadha . taphachaa turteefi waan taphachaa jirtu natti fakkaata . Seenaan dur kan kee taatus amma tasumaa kan kee mili . Kanaaf teessee ishee eeguu dhiisii atis kan bira barbaaddadhu . ” Kan jedhu ture . Yeroo kana argu Obsaan akka nama maraate godhachuu eegale adda baafachuuf bilbila Seenaa irratti irra deddeebi’ee bilbilus , cufaadha . Eenyummaa nama ergaa kana ergeefii baruuf yeroo bilbilu , irraa hin kaasu . Innis waan godhu dhabee mataa of irraa ciraa , yaadaan of gaaguruu eegale .
wanti hundumtuu qophaa’ee , hunduus dhaga’amee Rabbirraafi Seenaan cidha gaa’elaa waliin raawwachuuf qophiin xumurameera . Kun hunduu garuu fedhii Seenaan utuu hin taane dirqama maatiin ishee itti fe’aniindha .

Seenaan tasumaa rawwattee Rabbirraaf bakka hin qabdu . Sammuun ishees kan amanu Obsaarraa adda baatee jiraachuurra duutee biyyee ta’uu filatti . Haa ta’u iyyuu malee wanta ta’aa jiru kana hunda Obsaatti himuurraa of qusatteetti . Haala kanaan utuu jiruu guyyaan cidhaaf ka’ame dhi’achaaa dhufee guyyaan shan qofti hafe . Magaalaa guutummaa keessattis , waraqaan cidhaa wal ga’uu eegaleera . Wanti cidhaaf barbaachisu hunduu guutamee namoonni Seenaafi Obsaa waliin beekan , kana hunda raajeffachuu hin dhiisne . ” durbi kan abbaa bira jiruuti ! ” Inni jedhan sirrii ta’uu isaa raagu Seenaan fala dhabdeetti Yeroo kun marti ta’u mormi dheeraaf irra deddeebitee Rabbirraatti akka hin heerumne mormitus , dhageessistus , mormii ishee kana namni dhaga’u hin jiru . Yeroo maatiin ishee dirqamaan heerumsiisuu waan yaadaniif , kana hunda dhiistee , fala dha’uu eegalte . Kaleessi dheengaddarraa yeroo fudhatee , har’i immoo kaleessaarraa aanuun , guyyaan wal jijjuruu eegalaniiru . Seenaan abbaa qabeenyaaf kennamuuf guyyaa lama qofatu ishee hafe . Seenaanis waan kanaaf teessee utuu cininnattuu amma ciniinsuu geessee jirti . Yeroo ol baastee , gad buustee yaaddus , cubbuun addunyaa kanaa hundi waan fakkaata . Garuu yaadi tokko sammuu isheetti dhufe . Sanas nii raawwaatte .

Obsaan bilbila Seenaa baasee yeroo hedduuf yaalus , bilbilli ishee yeroo kamuu cufaa ture . Waan qabee gadi dhiisu wallaalee , ” Seenaa , waadaa jechuun kanaa ? Si malee jiraachuu hin danda’u jechaa kan turte , ammammoo bilbila cufattee ; anaan na dagattee ; kan biraa waliin bultii ijaarrachuuf kaatee ; Kun maali ; ani waadaa kee eeguufan miira koo to’adhee jiraadha ; ati garuu akkas na gootee ! ” jechuun , imimmaan isaa isa akka bokkaa gannaa sana lolaasuu itti fufe. Tahus garuu , Seenaan bilbilaa cufatte osoo taane harkaa fuudhameera. Utuu haala kanaan taa’ee imimmaan isaa roobsuu , yaanni tokko sammuu isaa keessa dhufe . ” Obsa , Seenaan kanuma keeti . Si dhiistee kan biraa tokkollee akka hin feene , sitti himaa turte . Yoona wanti kun soba ta’uu danda’a . ” utuu hin turinis dhufee gurra isaa irraa haasa’a “
Takkammoo Hin gowwoomin . Seenaan sirriima sigante ; Utuu si hin ganne taatee , silaa bilbila cufattee teessee si dhaggeeffattii ? jedha waan akka yaada ergamaa seexantichaa . Yammuu kana egaa kana inni obsa dhabu . Obsaanis yeroo kana yaadu , ” eeyyee nagante . Eeyyee …. Eeyyeee ” jechuun , boo’icha isaa itti fufa . Hiriyoonni doormii isaa hunduu yeroo taatee kana argan , hunduu waan ta’e baruuf , gaaffiin isa mudduu eegalan . Obsaan garuu kana hunda baasee isaanitti himachuu hin dandeenye . Lataan hiriyoota Obsaa keessaa tokko . Inni nama yeroo mara yaada qajeelaa qabuudha . Yoo namní rakkate gargaaruuf kan hin dhiboofnedha . Innis yeroo Obsaan akka kanatti boo’u yammuu argu , kophaatti baasuun rakkoo isaa hunda gaafachuu eegale . Obsaanis wanta ta’e hunda utuu hin dhoksin itti himuun akkasumas , ergaa ergameef sana itti agarsiise . Lataanis wanta ta’e kana hunda erga dhaga’een booda , Obsaa , wanta kana hunda irra deebiin qulqulleeffachuu si gaafata , Bilbila ati hin beekne irraa ergaan gaafa siif dhufu , wanti kun soba ta’uu dandaa’a . yoo dhugaa ta’es hanga kana itti qabamuun sirra hin jiraatu . ‘ kan qocaaf ka’ame allaattiin hin fuutu ‘ akkuma jedhamu . Yoo kan kee taate eessattuu kanuma keeti . Kee miti taanaan garuu . dagattee dhiisuu qabda . ” jechuun jajjabeessuu itti fufe. Obsaan amma qalbii isaatti deebi’aa waan dhufe asiif achi utaaluun , waan qabee gadi dhiisu wallaalaa ture , amma gorsa hiriyaa isaa kanaan , aariin isaa qabbanaa’aa dhufeera.

Eeyyeen dhuguma kan qocaaf ka’ame allaattiin hin fuutu . jechuun , irra deddeebiin mammaaksa kanatti fayyadamuu of jajjabeessuu eegale . Obsaafi Lataanis turtii yeroo muraasaa booda fudhatanii gara doormii isaaniitti deebi’an .
Lataan akkuma doormii seeneen , bilbila isaa fuudhee Midiyaalee hawaasummaa ( social media ) adda addaa fayyadamuu eegale . Utuu fuulota isaa daddabarsee ilaalus , wanta addaa tokko fuula ” face book’ ariitiin fuula dhoobame kana dubbisuu eegale . Kan inni jedhus : Facebook Saamsoon Caalii jalatti kan dhoobamee jiru arge . Innis ” Namni isin suuraa ishee armaan gaditti argitan kun , maqaan ishee Seenaa Akaakuu jedhamti . Haa ta’u malee , yeroo ammaa kana cidha gaa’elaa jaalallee ishee Rabbirraa Jiraataa waliin qophiin hundi xumuramee , guyyaan cidha isaaniif guyyaan lama yoo hafu namni armaan olitti maqaa ishee isiniif kaasne kun achi buuteen ishii waan dhabameef , namoonni mucayyoo suuraa ishee armaan gaditi argamu kana argitan , bakka isheen jirtu heeruu nuuf laachuun shoora lamummaa keessan akka baatan , kabajaan isin gaafanna !. ” Kan jedhu ture . Lataan yeroo kana argu gammachuun hudhame . Innis wanta kana Obsaatti himuuf , ” Obsaa , maqaa jaalallee kee silaa eenyuu jette ? ” Obsaanis gaaffichi bitaa itti galus gabaabsee ” Seenaa ” jedhee deebiseef . ” Seenaa Akaakuumo ? ” jedhe Lataan . ” Eeyyeen Seenaa Akaakuudha ; maali garuu waan dhageesse qabdamoo ? ” jedhe . Innis deebisee , ” him dhiisimee waan raajiidha . Hoodhu dubbisimee ! ** jedhee waan argee dubbise sana itti hiixate . Obsaan yeroo wanta amanuun isaa nama rakkisu kana dhaga’uufi argutti , gammachuun utaalee burraaquu eegale . ” Seenaa ko , anoo hirbuu diigden se’eem . Ati edaa waadaa keenya ni eegdaa ? ” jedhee gammachuun utaaluu eegale . Yeroosumas bilbila isaa fuudhee Seenaaf bilbiluu murteessee harka isaa bilbila fuuchuuf gara giiphii isaatti yoo rigu bilbilli isaa hin jiru . Olif gadis fiigee bilbila isaa barbaade garuu argachuu hin dandeenye . Yeroo murasa erga itti yaadees , bilbila isaa sila yeroo ” message ” sana Lataatti agarsiise bakkuma sana ka’ee akka ture yaadatee fiigichaan bakka sana yeroo dhaqu , namoonni baayyeen bakka sanarra darbaa waan turaniif Bibila isaa argachuu hin dandeenye. Bilbilli isaa duraa ha badu iyyuu malee bakka Seenaan jirtu baruuf bibila Lataa irraa ishee sammuutti waan beekuuf , bilbiluu eegale . Ni wana namni irraa kaasu hin jiru . Yeroo dheeraaf irra deddeebi’ee erga yaalen booda irraa kaasan
Hello seenaa akkam ati?
Dhiifama Seenaan bira hin jirtu. eenyu jedhu ? ” Kan irra kaste Seenaa osoo hin taane , haadha ishee turte. Eessa dhaqxe , Seenaan akkam taate ? ” “
Senaana jitu Erga biyyaa baatee as buuteef , achi buuteef ishee dhabnee harri guyyaa 2ffaa isheedha jechuun imimmaan buusanii boo’uu eegalan.


Obsa yeroo kana dhaga’u utuu hin beekin imimmanni maddii isaarra yaa’uu eegale . Innis bilbila sana cufee , kan duraa caalaa boo’uu eegale . Jaalala isheen isaaf qabdu kanas ilaalee obsa dhabe . Kana hunda taatee biyya gad dhiistee deemuun ishee sababa jaalala guddaa Obsaaf qabduuf , abbaa qabeenyaaf utuu hin bitamin abbaa jaalalaaf jettee biyya gad dhiistee godaante.

Itti fufa

Markets.com CFD trading app provides a powerful, user-friendly trading platform.

markets.com Online Trading App
All the trading opportunities and trading tools you like, want and need are right here at the markets.com mobile App.
Get quick and easy access to our simple-to-use, fully featured application for online trading. Get acquainted with trading by using the free demo account, or jump right in and begin trading using our various trading tools:


* Live 24/7 access to CFDS trading, forex trading, Forex graph analysis, and other global financial markets and trading sessions.
*  2,000+ instruments available to help you develop your trading strategy such as our FREE DEMO ACCOUNT.
*  Over 50 technical indicators to be more informed about forex trading hours, Forex graph analysis, CFDS trading, indices, stocks and current trading strategies.
*  Discover CFDs trading on Stocks, ETFs, Crypto*, forex trade, Forex news, and more
* Use our trading graph analysis and other available trading tools to help you succeed.

Our app is simple to use and allows both new and experienced users to learn and improve their online trading skills. It includes intuitive analytics which enables users to get the edge over the market.
Markets.com provides its customers with great trading conditions such as 0 commission and tight spreads**
Get onboard with markets.com in 3 easy steps:
*  Complete the short application and verify your account
*   Fund your account
*   Get into the action and start trading

We also provide our traders with continuous, up to date and comprehensive analytics,free demo account, trading tools, reviews and market news to enhance users’ trading view.

Ensure you are informed on market trends:
• Get the latest news affecting the markets, alongside our expert commentary.
• See in-depth insight into the biggest issues impacting trades.
• Upgrade your market knowledge with free educational webinars from financial experts.
About us:
Our reputation speaks volumes as to our global presence, commitment to our clients, innovative trading platforms, tools and support data. We are one of the world’s leading CFDs trading brands that allows you to trade during forex trading hours. Established in 2008 with over 200,000 registered users worldwide. Markets.com is a user-friendly trading platform that helps its users develop a strong trading strategy.
Markets.com is a global trading name operated in the following jurisdictions and under these entities:


Europe (Cyprus) – Safecap Investments Limited, regulated by CySEC under license no. 092/08
Australia – Finalto (Australia) Pty Limited, regulated by ASIC under license no. 424008.
Africa – Finalto (South Africa) PTY LTD regulated by FSCA under license no. 46860 and licensed to operate as an Over The Counter Derivatives Provider (ODP) in terms of the Financial Markets Act no.19 of 2012.
Global – Finalto (BVI) Limited, regulated by FSC under license no. SIBA/L/14/1067.
UK – Finalto Financial Services, regulated by FCA under license no. 481853. Spread bets are only available to UK clients.
CFDs are complex instruments and come with a high risk of losing money rapidly due to leverage. 74-89% of retail investor accounts lose money when trading CFDs. You should consider whether you understand how CFDs work and whether you can afford to take the high risk of losing your money.
*Note, trading Cryptocurrency CFDs is restricted in the UK for all retail clients.
**under normal trading conditions.
***A full list of prohibited jurisdictions can be found in each entity’s terms and conditions.***
By creating an account, you agree to our Privacy policy, our Cookie Policy and to receive marketing communications in which you can opt out at any time.

Similar Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *