|

Barataa digirii dhaan eebbifamee sababa hojii dhabeef digirii isaa deebisuuf jedhu

Asaffaa Alamuu waggaa sadii dura Yunivarsitii Asoosaa irraa gosa barnootaa injinaringitiin qabxii olaanaadhaan eebbifame. Barataan kun gosa barnootaa kanaan qacaramee hojjechuufis ta’e dhuunfaadhaan hojjechuu waan hin dandenyeef, waraqaa barnootaa kana yuuniversitichatti deebisuuf murteesseera jedhe. Gosa barnootaa Siivil Injinariingiin eebbifamuunkoo jireenya koorraatti jijjiirama fide homaa hin qabu jedheera.
Asaffaan, yeroo ammaa maallaqa hojii guyyaan hojjetu irraa argatuu fi qonna ooyiruu haadhasaarraa midhaan argamuun jiraataa akka jiru dubbata
Barataan kuni waraqaa itti eebbifame akka deebisu haa himu malee adeemsi waraqaa ragaa digirii deebisuu jiraachuun isaa biyya kanattii waan ta’ee hin beekneeha
Asaffaan yeroo ammaa iddoo dhalootasaa Dabra Maarqos jiraata.
Barnoota sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa qabxii olaanaan erga goolabee booda Yunivarsiitii Asoosaa seenuun barnoota Siivil Injinariingii barate. Wayita yunivarsitii turetti haalli keessa ture ulfaataa ta’uu hime. Tumsa hiriyoota isaa yuuniversitiintiin barnoota isaa hordofee akka xumure dubbbata. Asaffaan barnootasaa yuuniversitii qabxii waliigalaa 3.45nin eebbifame.

Bakka hedduutti dorgomuun qormaata hedduu qoramuus,dhaabbilee mootummaas ta’e dhuunfaatiin qacaramuuf carraa hin arganne. Dargaggoon umrii waggaa 29 Asaffaa Alamuu, hojii argachuuf dhaabbilee mootummaa fi dhuunfaatti eyyannoowwan garaagaraa galchuurra taree, hojii argachuuf akka isa gargaaruuf gara Lixa Harargee imaluun fedhiisaatiin hojii mootummaa hojjetaa akka ture hime. Goojjam irraa hanga Finfinnee, Finfinnee hanga Jigjigaatti jooruun, mana barumsaallee yoo ta’e barsiisuuf tattaaffiin taasise akka hin milkoofneef.

Asaffaan qacaramee hojjechuuf ga’umsa akka qabu dhibbaa dhibba amana. Dorgomee hojii akka hin arganne kan taasise ‘hojimaata badaa’ biyyattii ta’uu ibse.”Maallaqa yookiin fira hin qabdu taanaan hojii hin argattu,” jechuun adeemsi qacarrii iftoomina dhabuurraa hoji-dhabaa ta’ee akka hafe hime.

Adeemsi ittiin waraqaa barnootaa iddoo irraa fudhatanitti deebisan akka hin jirre kan hubatu Asaffaan, ”seerri hin jiru jedhee callisee hin taa’u.

Wayitan waraqaa barnootaa kana deebisuuf gara moora ayuuniversitii deemu waan yuuniversitichi deebisu waliin kan ilaallu ta’a, ” jedhe.

Similar Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *