MILKAA’INA

milkaa’inni maaliidha?

milkaa’inni jireenya kufaatii hin qabne keessa jiraachuu miti.¤milkaa’ina jechuun,kufaatiin dhabamuu osoo hin taane,kaayyoo isaa dhumaan gahuudha.waraana moo’uu malee dirre waraanaa hundumatti injifachuu miti.akka fakkeenyaatti seenaa Abirahaam linkeen haa ilaalluu mee jireenya akkamii keessa akka ture garuu utuu kufaatiin hin daangeffamiin iddoo inni gahe

1. umurii isaa ganna 21 hojii daldalaa eegalee kasaare.

2. waggaa tokkoon booda, umurii ganna 22 tti dorgommii siyaasaa dorgomeen ni moo’ame.

3. waggaa 2 maan booda umurii ganna 24 tti yeroo lammaffaaf daldalaan kasaare.4. umurii isaa ganna 26 tti jaalalleen isaa dute.

5. waggaa tokkoon booda umurii ganna 27,dhukkuba ribuu(narvii)dhukkubsate qaamni isaa laamsha’ee.

6. waggaa torbaan boode,ganna 34 tti, dorgommii koongiressii dorgomee moo’atamee.

7. umurii isaa ganna 45 tti dorgommii seenaaterii biyyaa isaa dorgomee mo’amee.

8. ammas waggaa lama booda,ganna 47 itti aanaa Pirezidaantii Ameerikaa ta’uuf dorgomee moo’ame.

9. waggaa lama boodas,dorgommii seenaaterii biyya isaa dorgomee moo’ame.

ajaa’iba itti hin dhiisuu nama jechisiisa mitii🤔

10. umurii isaa ganna 52 tti, dorgommii pireezidaantummaa biyyaa Ameerikaa dorgomee mo’atee.Ajaa’iba!👇👇👇👇👇👇Maarree milkaa’uun jireenya kufaatii hin qabne keessa gulufuu osoo hin taane, iddoo kufaanii ka’anii galmaa gahuudhaa.

kanaafuu kufaatii yeroo osoo hin taane milkaa’ina fulduraa yaadii waan kamuu kutannoon hojjadhuun dhaamsa kooti waan dubbistaniif galatoomaa.

Similar Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *