Atileetii Itoophiyaa abbaa mana ishee ajjeesisuun hidhaan umurii guutuu itti murtaa’e
Atileet Bassuu Saaddoo abbaa warraa ishee Tashaalaa Taammiruu(atileetii ture) waliin waggoota saddeet hanga kudha lamaa ta’uf waliin jiraachaa turani. Tashaalaan erga fiiguu dhaabe booda haadha warraa isaa waliin Magaalaa Sandaafaa, Ganda 01, naannoo solaar fabrikaa jedhamu waliin jiraataa turan.
ALI Hagayya 08, 2014 garuu wanti hin eegamne raawwate. Akka galmeen poolisii ibsutti Tashaalaan mana isaa keessatti ajjeefame argame.
Halkan ajjeechaan raawwatuu dura yakkamtuun namoota maallaqaan bitte jedhaman kutaa ciisichaa keessa akka dhokatan taasiste .
Namni kuni galgala ala ture waan ta’eef gara sa’aatii lama keessa yeroo dhufu gor-duuba taa’ee mobaayiliin miidiyaa hawaasummaa osoo fayyadamuu haleellaan raawwatu himu. Namoonni kuni bakka dhokatanii bahanii nama sana meeshaa sibiilaafi cubee kanaan wawwaraananii qaama isaa iddoo adda addaatti rukutanii kan ajjeechaa raawwatani.
Ajjeesanii baasanii daandiirratti gatani. Isheenimmoo obboleessa ishee [kan ishii waliin jiraatu], hojjettuu bira teessu waliin dhiiga mana keessatti’’ dhangala’e qulqulleessan.
Carqii soofaa hunda baasanii miiccanii, uffata namicha kanaafi minxaafii lafarratti dhiiga bubbu’e kana waan dhiiga qabu kana erga maranii booda, dhoksan.
Ajjeechaa kanaaf isheefi obboleessa ishee isaan waliin jiraatu akkasumas namoota sadan Shaashamanneeti maallaqaan bitamanii dhufan dabalatee namoota shanitu shakkame. Erga nami kun ajjeefame booda namoonni sadan Arsii Lixaa irraa dhufan halkanuma sana miliqanii deeman.
Galmeen poolisii akka agarsiisutti namoota ajjeechaa raawwachuun shakkaman kana obboleessa ishee birootu fidee dhufe.
Obboleessi ishee duraan tureefi isheen manuma keessa turanii akka waan namni kuni hin galletti namoota bira odeeffachiisaa turani, Erga reeffi daandirra argamee booda poolisiin qorachuu eegale. Qorannoonis maatiirraa eegalee isheenis jecha ishee kennite. Isheenis gocha kana keessatti kan namoota kana waamee ajjeesise ishee ta’u amante. Abbaan Alangee ajjeechaa kanaan hawaasi mufatuufi osoo humnooti nageenyaa dhufuu baatanii badiin biraa raawwatuu akka malu himan.
Abbaa Mana ishee maaliif ajjeesiste?
Osoo rakkoon kuni hin dhaqqabiin dura qaamni seeratti dhihaate komii yookiin yaaddoo ibsate hin jiru. Haa ta’u malee, wal dhibdeen akka ture himu Abbaan Alangee kuni. Maatiikoo, harmeekoo, obbolaakoofi anatti xonoqqolsiista [akka hin milkoofneef],’’ jechuun badii kana akka irratti raawwatte jecha ishee poolisiif kenniteen himuu dubbatan. Akkasumas dhimma maallaqa irrattillee wal dhibdeen akka jiru himan. Booda kana inni fiigicha waan dhaabef ishee qofatu fiigee qarshii argattuun waliin jiraatu.
Turtii isaaniin ijoollee hin godhatiinis malee qabeenya garagaraa waliin horataniiru. Poolisiin qorannoo eegaleen dhimmicha Manni Murtii Olaanaa Godina Addaa Naannawaa Finfinnee ilaalee Amajjii 09, 2015 murtee dabarse. Akkaataa murtee kanaan ajjeechaa nama kanaan kan shakkaman Bassuufi obboleessi ishee Abdiisaa jedhamu hidhaa umrii guutuun irratti murtaa’era.
Namoonni lamaan murteen irratti darbe kallattiin ajjeechaa keessa qooda dhabaniis wajjiin qindeessanii shakkamtoota warra ajjeechaa raawwatan qarshii kanfalaniifi yaaman.
Erga ajjeechaan kuni raawwate boodammoo ajjeesisanii akka waan namni kuni bakkeetti argametti hin dhabne jedhanii namootatti haasa’aa turani.
Hojjettuun manaa ‘uffata soofaa dhiiga xuxxuqeefi kaan waliin dhoksite’ akka badii kana hin dubbanne qarshii akka kennaniif waadaa seensisuu isaaniillee qorannoon ibseera.
Namoonni sadii maallaqi kanfalamee Arsii Lixaarraa dhufaniifi ajjeechaa raawwatan halkanuma ajjeechaan raawwate miliquufi akka hin argamne ibsameera.