Seeseen maali?

▪️Seeseen Maali?

-Seesee jechuun “Warra Kaayyoo ABO ganamaarraa seese” jechuudha.
“Seese” jechi jedhu jecha Afaan Oromoo #Seesuu jedhurraa dhufe. Hiikti isaa, Shakkuu, mamuu, itti-amantaa dhabuu, dudduuba jechuu, jechuudha.

Seeseen warra milkaa’uu Walabummaa Oromiyaatiifi Bilisummaa Oromoo shakkee irraa maqe ykn dudduubatti deebi’ee Itoophiyaa Keessatti aangoo qooddachuuf bololi’anidha.

Warri akkasii,
Maqaa ABO uummanni waan jaallatuuf ABO ofiin jedhu.garuu,
-ABO humnaa fi gahumsa hin qabnedha.
-ABO Kaayyo-maleeyyiidha.

Bilisummaa Oromoo osoo hin taane, dheebuu aangoof socho’u: kanaaf
-OPDO aangoo hin qabnedha.
-Abbootii irree, garboomfattoota Bilisummaa sabaaf falmina jedhanidha.
.
OPDOtti aangoo inaafu. ABO isa sirrii(ABO-WBO)tti ammoo Bilisummaa fi Walabummaa inaafu. Lachuufuu danqaadha
.
▪️Seeseen yoo dhalatte? Eessatt? Maaliin beekamuu?

Bara 1980moota Keessa, Eebila 15, Wareegamuu Gootota Oromoo shinniiggaatti dhumanii booda yeroo hin beekamnetti dhalatan. Akkuma hoogganoonni qareeyyiin Kaayyoo ABO Ganamaa(Walabummaa BIYYA Oromiyaa) Sana wixineessan wareegamaniin namoonni Gahumsa hin qabne fi Kaayyichatti hin amanne, warri Itoophiyaa Dimokiraatessuutti amanan, hooggansa ABO fudhate. Sanumaan Tokkummaa Oromoo fi Kaayyoo Qabsoo Oromoo sharafuu eegalan. Gandaan walijaaran. Oromoo Oromoo irratti duulchisuu cimsan.

Kan dhalatani Biyyuma Oromiyaa keessatti. Ta’us bara 1991 Qabsoo Oromoo gurguratanii Biyyoota faranjii deemuun achitti walhoran. Ofumaan waqoqqoodanii Baayyatanii gara Oromiyaatti deeban. Seesee Oromiyaatti deeban Keessaa kuun OPDO ta’e(Team Lencho & Galaasaa), kuun ammoo milishaa bosonatti ijaaree Seesee ta’ee itti fufe(Team Daawud), kuun ABO isa sirriitti makame.

Sababni 2018 asitti waa’een isaanii bahee mullateef (1)ABOtu bakka Ganamaa fi Kaayyoo ganamaatti deebe. Hooggansa jabaa argatee, warra gahumsa fi Kaayyoo hin qabne kana saaxile. (2) Dhalootatu barateera. Barnoota fi tekiniloojiitu icciitii hunda bakkeetti baase. Jaarraa 21ffaan kun bara information waan ta’eef, icciitii wanti jedhamtu hafte.

Amma
Amaloonni Seesee:
-Arrabsoo, maqaa nama balleessuu
-Walfaarsuu
-Oromummaa Oromoo tokkorraa mulquu
-ibsa baasuu
-injifannoo hin jirre himachuu fa’a.

• ABOn maaliif galma hanqatee Qabsoo sabaatti gudunfaa tolchuu didee, roorroon Uummatarra dheerate kan jedhuuf.

Jiraattota garaa Jarmaa keessatti Murna ijaarrataniif, firaaf aanteen wal jiraachisantu ABO to’atee ture.
Jarri kun Caasaa Tika Mootuummaa keessatti of ijaarra jedhanii Tikuma Mootummaayyuu taa’ani.
Hojiinsaanii idileen nama jabinaa fi gahumsaan Qabsoo sabaa oofu dhabamsiisuuf maqaa Xureessiidha.
Fakkeenya kanaammoo yoo gabaabsinee ilaalle Jaallan Hidhamanii jiran Hooggansa ABO ti fi Ooggna ABO-WBO Jaal Marroo dhabamsiisuuf dhagaa isaan buqqisan, Ololaan ammoo Olala isaan Jireenyaa Guddataa irratti oofan fudhachuu dandeenya.

Galmi jara kanaa Maqaa Qabsoo sabaatiin Firaaf Aantee ofii duroomsuudha.

Yeroo ammaa kanammoo akka nama Kaayyoo galmaan ga’eetti Kabajatu nuuf mala yeroo jedhan dhagaa’amu.

Akkuma Lukkuun “yoon tolchuu dadhabe haadhee balleessuu hin dadhabu” jette jarri kun waan Hojjetanii ittiin Uummata kanaaf bu’aa buusan waan hin qabneef, Badii dalaganii badii sanaan akka maqaan isaanii waamamu barbaadu.

•Ijoollee caasaan Seesee basaasee harka Mootummaa buuse.

•Waraana hiikkachiifame

• Hundeeffamuu fi Uumata nagaa dararuu Milishaa Faqqadaa

• Ajaja WBO Zoonii Kibbaa Duraanii Obbo Goollicha Dhengee gansiisuu.

• Namoota Ejjennoo Walabummaa qaban kanuma waliin Gullalleetii dalagan Harka diinaa galchuu fi kanneen hin tarreeffamin badiin Seeseen (Team Daawud) harka keessaa hin qabne hin jiru.

Badii kanammoo namni yoo itti hime “diina, ABO diiguufi, Hooggansaaf kabaja hin qabdu…” Jechuun dogoggora isaaniirraallee murna barachuu dadhabeedha.

▪️Humni isaanii Maali? Bilisummaa Oromootti ni amanuu?
Humni isaanii,Arrabsoo, olola oofuu, milishaa,fi kkf.
Bilisummaa Oromootti hin amanan, ni Sodaatu. Bilisummaan Oromoo, madda galii isaanii hongeessa . Akkuma OPDO ilmaan Oromoo hedduu irratti Yakka isaan dalagantu saaxilamaaf sodaatu.
MCBNO jechuun, Mootummaa Itoophiyaatti (Garbummaatti) Oromoo ceesisu jechuudha. Kajeellii aangootiif bocamte.

▪️Falli Maali?
-Oromoo itti dammaqsuu fi hubachiisuu qofa. Jarri soba fi burjaajii uumuutiin ofgolganii jiraatu. Uummanni Oromoo yoo ittibare battala badu, Humni isaanii olola burjaajii fi milishaa qofa waan ta’eef salphaatti maqfamu.

Similar Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *