|

Osoo qarshii kudhan argateera ta’ee ijoolleesaa dhiisee of hin ajjeesu ture.

Osoo Qarshii 10 argateera ta’ee Ijoolleesaa bakkeetti dhiisee of hin ajjeesu ture

Toleeraa fi Caaltuun erga wal fuudhanii waggaan tokko darbeera. Inni hojii biraa waan hin qabneef olii gad deemee hojii humna barbaadee hojjatee jiraachisa ture. Haati manaa isaa Caaltuun ammoo erga dhukkuba kaanseriin qabamtee bubbulteetti. Utuma jireenyi itti ulfaatu,isheenis utuma dhukkubsattuu ijoollee sadii wal irratti godhatan. Isheen jalqabaa waggaa 5,inni lammaffaan waggaa 3,isheen xumuraa reefuu waggaa guutuuf jetti. Amma ega akkuma guyyaan dabalaa adeemuun innis ijoollee isaa guddisuuf akkasumas Caaltuu gargaaruudhaaf isa ganama hojii barbaacha adeemuu yoo argate argatee, waan argateen ammo waan nyaatamu bitee gala. Yoo dhabe ammoo harka duwwaas gaafanni galu jira. Utuma kanaan jiranii dhukkubni Caaltuu itti cime waan ittiin yaalsisu waan dhabeef qarshii muraasa argatun qoricha aadaa bitaafi turus itti fooyya’uu hin dandeenyee, in obbaafatte.


Amma egaa Haati manaa isaa ijoollee sana isatti dhiistee erga duute dirqamni ijoollee kana guddisuu sila irra jiraatus, inni kana boodaa dachaa isa kanaan duraati.
Kanaaf hojii guyyaa hojjetee ijoollee isaa guddisuu itti fufe. Yeroo tokko tokko hojii guyyaa waan dhabuuf baay’ee rakkata. Otuma kanaan jiruu gaaf tokko hojii dhabee harka duwwaa manatti gale. Ijoolleen isaa agabuu bulan. Guyyaa lammaffaas hojii barbaadee dhabe. Ijoolleen isaa guyyaa lammaffaa agabuu bulan. Galgala sana garuu gaaffii tokko isa gaafatan. “Abbaa! Boris nyaata hin nyaannuu?” kan jedhu. Abbaanis, garaan isa mooga’ee “Ijoollee koo bor nyaata ni nyaattu!” jedhee waadaa seeneef. Garuu eessaa fidee akka nnyaachisu isaafu gaaffidha. Ijoolleen isaas deebisanii “Hojiin hoo hin jiruu maaliin nyaata nuuf bitta?” jedhanii gaafatan. Hiriyyaa isaa kan isaan beekan maqaa dha’ee, “Abalu irraa qarshii 10 liqeeffadheen isiniif bita. Kanaafuu, bor ni nyaattu!” jedhe. Beelli akka malee itti cimus, abdii abbaan isaanii isaaniif kenne nyaachaa bulan.

Borumtaa ganama ka’ee hiriyyaa isaa baayyee abdatuufi na dhowwata jedhee hin yaadne bira deemee,Ijoolleen koo guyyaa sadaffaa agabuu jiru. Baay’ee miidhamaniiru,maaloo qarshii 10 naaf liqeessi akkuman hojii guyyaa argadheenan hojjedhee siif deebisaa jedhee gaafate. Garuu deebii inni hin eegnetu hiriyaa isaa biraa argate. Haala baay’ee nama gaddisiisuun hiriyyaan isaa qarshii 10 liqeessuufii dide. “Hin qabu!” ittiin jedhe. Isa dhumaa abdii waan kuteef harka duwwaa ijoollee sanatti galuu korra irra jedhee battaluma sana dhaqee of ajjeese! Ijoolleen isaas hawwiin isaanii dhadhaa ibida buute taatee qara ilaalaa hafan

Mee dhaabannee haa yaadnu. Yeroo hundumaa akka nuti gargaarruuf namni Waaqayyo nutti ramade akka jiru beekuu qabna. Dhugaadha. Namni nuti gargaaruu qabnu tokko naannoo keenya jira. Namni waan barbaachisaa dhabe, namni guyyaan itti dukkanaa’e, namni muka qabatu dhabe, buddeenni irraa hafaan mana keenya jiru isaaf qaalii kan ta’e, uffanni nuti guyyaa guyyaan jijjiirree uffannu isaaf immoo hawwii isaa kan ta’e…naannoo keenya jira.
Gabaabaamatti ergaan koo, yeroo hundumaa iji keenya banamaa haa ta’u. Naannoo keenya xiyyeeffannoon haa ilaallu. Akka nuti gargaarru namoota Waaqayyo nutti ramadeef waan qabnu haa hiixannu. Ofittoo ofiif qofa jiraatu ta’uu dhiisnee, obboloota waan barbaachisaa dhabaniif haa jiraannu. Kan beela’an haa nyaachisnu, kan dhukkubsatan haa waldhaansisnu, kan daaranitti haa uwwisnu!

Similar Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *