Seenaa jaalalaa dargaggeessa Hindii fi shamarree Paakistaan lamaanuu mana hidhaa galche

Dargaggessi Indiyaa umri waggaa 21 ta’eefi Mulayam Singi Yadaav fi shamarreen ganna 19 lammii Paakistaan taatee Igra Jeewanii jedhamtu, kan wal baran karaa toora interneeti yoo ta’u tapha (game) Ludoo waliin tapachaa turani. Dargaggoo Yadaav dhaabbata ICT Baangaaloor tokko keessa waardiyyaa ta’ee hojjata. Jeewaniin ammoo magaalaa Paakistaan Haayidirabaad keessatti baratti turte.Jaalalli Singi Yadaav fi Jeewanii bara 2020, wayita uggurri Covd-19 hammaate keessa eegalame. Jarri lamaan karaa toora intarneetii erga wal baranii booda jalaala halaalaa eegalan. Erga wal jallatanii waggaa sadii dabarsaniiru. Haata’u malee, isaan lachuu bakka tokkotti waliin jiraachuun akka isaan rakkisu sirritti beeku. Sababni isaas biyyooti ollaa Indiyaa fi Paakistaan erga bara 1947 as si’a sadii wal waraananiru. Bara 1947 yeroo Paakistaan uumamtee fi walabummaa Indiyaan wayita gonfattu addaan qoodamte ture. Kanarraan kan ka’e hariiroon biyyoota lamaanii muddamaan kan guutamedha. Kanarraa kan ka’e namoonni biyyoota lamaniirraa imalaaf viizaa argachuuf ni rakkatu.


Haata’u malee, Jeewanii maatiin ishee akka heerumtu dhibbaa irratti jabeessaa turan. Yadaav karaa Dubaayi gara Neeppaalitti akka imaltu Jeewaniif yaada erga dhiyeessefii booda Jeewaniin Paakistaanii baate. Fulbaanaa 2023 lamaanuu biyya Neeppaal dhaqanii, achitti wal fuudhan. Jaalalleewwan lamaan erga wal fuudhanii booda gara magaalaa Indiyaa Baangaalooritti imalanii waliin jiraachuu jalqaban. Haata’u malee, gammachuunsaanii otoo hin turiin Amajjii darbe gara gaddaatti geeddarame. Lammiin Paakistaan Haatii manaa isaa Igra Jeewanii seeraan ala Indiyaa seente jedhamtee hidhamte. Abbaan warraa ishees akkasuma ragaa sobaa hojjachuu fi ragaa sirrii malee lammii biyya biraa of bira tursiisuun himatame hidhamee,.
Taatee kana booda Igra Jeewanii Indiyaarraa gara Paakistaanitti deebifamte. Mulayam Singi ammoo mana hidhaa Baangaaloor keessatti hafe. Maatiin daargaggoo kanaa Kaaba Indiyaa bulchiinsa Uttar Pradesh keessa jiraatan hidhamuusaatti garmalee rifatan. Isaan seenaan jaalleewwan kanaa akkuma salphaatti yoo ilaalame jaalala agarsiisa jedhan. ”Haala Indiyaa fi Paakistaan keessa jiran ni hubanna. Garuu waanti isaan balleessan kan biraa hin jiru, wal jaalatan jedhan’’ . Poolisoonnillee kana ni amanu. ”Seeraan ala biyya seenuu fi ragaa sobaa dalaguurra kan darbe seenaa jaalalaa fakkaata,’’ jedhan .


Itti dabalee, akkaataa sirna Hinduutiin wal fuudhanii gara Indiyaa deeman. Haata’u malee, Jeewaniin eeyyama Indiyaa keessa ishee tursiisu hin qabdu turte. Kanaaf jecha Yadaav waraqaa eenyummaa sobaa lammummaa Indiyaa qabaachuu ishee qabaachuu ishee mirkaneessu qopheessef jedhe poolisiin Indiyaa.
Haati Yaadaav, Shanti Devi jedhaman, mootummoonni biyyoota lamaanii jaalaleewwan kana walitti fidu jedhanii akka abdatan himan. Dabalaniis: “Ishee Musliima yookaan Paakistaanii taate dhimma irraa hinqabnu. Intala keenyadha. Sirnaan kunuunsina jedhan.

Similar Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *