Namicha biyya Hindii waggaa 30f poolisiidhaan utuu barbaaddamu fiilmii 28 keessatti poolisii ta’ee hojjate
Namni lammii Indiyaati tokko Poolisiidhaan waggoota 30f baayyee barbaadamaa ture, Utuma barbaadamuu ammoo fiilmiiwwan 28 keessatti taatoo ta’ee hojjete. Waan hunda caalaa kan nama ajaa’ibu ammoo fiilmiwwan hojjate keessatti Akka poolisii, ajajaa fi konistabiliitti ta’ee hojjateera. Fiilmiwwan inni taatoo ta’ee irratti hirmaate keessaa tokko Yutuubii irratti si’a miliyeena 7.6ilaalameera
Hoom Piraakaash ykn Paashaa Kaaluu kutaa bulchiinsa Indiyaa Piraadeesh jedhamtu keessatti gurra guddaa qaba. Bakka jiraatu keessatti namoonni hunduu isa beeku. Faallaa kanaa Kutaa bulchiinsa Indiyaa gama Kaabaan jirtu Hariiyaanaa jedhamtu keessatti garuu seenaa biraa qaba namni kun.
Duraan miseensa loltuu Indiyaa kan ture Piraakaash, waggoota 30 darban keessa yakka saamichaafi ajjeechaa waliin walqabatee barbaadama.
Hoom Piraakash buufata rediyoo waraana keessatti waggoota 12 konkolaachisaa konkolaataa fe’iisaa ta’e tajaajileera.Waggoota afuriif hojiirraa waan badeef bara 1988 tti hojiirraa hari’atame ture.
Hoom Piraakash yakka ajjeechaa ittiin shakkameen alatti yakkawwan heddu irratti hirmaateera. Bara 1986 tti konkolaataa hate; itti aansun doqdoqqee hate. Maashina hodhaa huccuu fi biskileetiis hateera. Yakkoonni kun yeroo garaa garaatti raawwataman. Piraakash to’annoo poolisii jala galee yeroon inni itti mirga wabiitinis bahe ni jiran jedha.
Bara 1992 tti namichi biskileetiin deemu tokko hiriyaa isaa wajjin hatuuf yaalanis namichi ni dide. Sana booda billaadhan waraanan. Uummanni naannichaa birmannaan dhiisanii baqatan. Hiriyaan isaa Niidaa Kumaar qabamee waggaa saddeet itti murtaa’e. Hoom Piraakash garuu hin argamne.
Piraakash erga to’annoo jala oolee booda, yakka ajjeechaa ittin himatame sun erga raawwatee waggaa tokkoof kibba Taamil Naadu fi bulchiinsa Andiraa Piraadeshitti akka dabarse poolisiitti hime.
Waggaa tokko booda gara kaaba Hindiitti qajeelun iddoo jireenya isaa godhachuun konkolataa fe’iisaa konkolaachisuu eegale. Poolisiin maqaa isaa “yakkamtoota baayyee barbaadaman” keessatti tarreeffatee yeroo dheeraadhaaf barbaadaa tureera.
Namni kun garuu bilisaan kutaa bulchiinsa Piraadesh keessa jiraata. Jireenya haaraas achitti tolfateera. Sanadawwan haaraa biroo baafachuudhaan dubartii naannawaa sanaa ammoo fuudhee ijoollee sadii dhalchee nagaan jiraataa jira. Dhuma jala garuu aduun itti dhiite.
Piraakaash yeroo garaa garaatti to’annaa poolisii jala oolus odeeffannoon poolisii dijitaala waan hin taanef, yakki inni bakka biraatti hojjate bakka kan biraatti irratti hin beekamu. Waajjiraalee poolisii bulchiinsa garaa garaa keessa jiran gidduu odeeffannoo wal jijjiirun dhabamuu irraa kan ka’e yakkamaa barbaadamu ta’uu isaa osoo hin baramin yeroo dheeraa fudhate.
Bara 2020 tti koreen dhimma yakka kanneen akka baala sammuu namaa hadoochu, shororkeessummaa fa’aa qoratu hundaa’e. Faayilli Hoom Piraakash bifa haaraa ta’een akka ilaalamu ta’e.
Gareen yakka qoratu kun, tarree namoota yakka guddaa hojjachuun shakkamanii barbaadamanii keessa isa galche. Gareen kun ji’a lama dura mandara Naarayinaa daawwachuun namoota umurii 50 fi 60 keessa jiran waa’ee nama Hoom piraakash gaafatan. Waa’ee isaa odeeffannoo jalqabaa argatan. Lammaffaa gaafa deebi’an bilbila maqaa Hoom Piraakashin galmaa’e argatan. Poolisiin torban tokkoof qorannoo naannichatti gaggeessen mana isaa adda baafachuu danda’e. Nama isaan barbaadan ta’uu adda baafachuuf iciiitii guddaanakka hojjatan dubbatan
C
Barbaacha waggaa 30 booda ajjeechaa fi yakkoota garaa garaan shakkamee Hoom Piraakash to’annoo jala oole.
Poolisiin maanguddoo umuriin isaa gannaa 65 ta’e kana mana jireenyaa isaa Gaaaziyaabaad jedhamu keessaa to’annoo jala oolcheera.
Hoom Piraakaash hanga gaafa hidhamuutti waan hedduu godheera.
Shufeera konkolaataa guddaa ta’ee hojjeteera. Gandoota naannawaa isaatti dhiyoo jiran deemuudhaan faarfannaa amantaatiin guyyoota ayyaana waggaarra tajaajileera.
Haati manaa isaa wagga 25 wajjin turan Raajkumaari fi ijoollee isaanii waan ta’e kana hin amanne.
“Bara 1997 tti gaa’ela dhaabbanne. Dursee fuudhee akka turee fi magaala Hariyaanatii maatii akka qabu osoon hin beekinan itti heerume,” jechuun abban manaa ishee akka ishee akka yakka irratti hojjate dubbatti Raajkumaarin.
Maatin haadha manaa Hoom Piraakash waa’ee yakka inni hojjatee waan beekan akka hin qabne poolisiitti himaniiru. Erga gaa’ela godhataniin booda waan ta’e wayii akka ishee dhokse akka shakkaa turte haati manaa isaa Raajkumaarin ni dubbatti.
Gara mandara Naaraayinaa ishee geessee obboleessa fi maatii.isaa wajjin akka wal ishee qunnamsiisera. Waggoota muraasa booda “haati manaa isaa durii dhuftee jeequmsa uumte. Sana booda akka inni fuudhee turen bare,” jetti.
“Anii fi ollaan keenya akka inni mucaa tokkoo fi gaa’ela biraa qabu barre” jetti.