Video namaa fe’uun YouTube monetize akkatti godhattan.

YouTube Channel akkamitti Video namaa lakkisuun monetize gochuu dandeenya?

Akka seera YouTube’tti namni kamiyyuu video ofii isaan dalagee ala Kan nama biroo fuudhee yoo maxxanse hin adabama.

Garuu tooftaan ittiin video nama tokkoo fuunee maxxansinee ittiin monetize godhachuu dandeenyu tokko Jira innis tooftaalee gurguddaa lama Kan of jalatti haammatu waan ta’eef tooftaalee kana lameen sirnaan eegdee itti gargaaramnaan channel Kee video namaan monetize gochuu dandeessa jechuudha.

1.Creative Common 

Tooftaan inni Kun Isa filatamaa fi sirnaan itti fayyadamnaan nama milkeessuu danda’u dha.

Inni Kun Jalqaba app YouTube keessa seenuun maqaa video barbaadduu tokko search eerga gootee booda tartiibaan tarreessee nuuf mullisu sana booda gubbaa isaa irratti bakka tuqaan sadi jirtu tuquun  filter filter Kan jedhu filanna eerga Isa filannee word heedduu waan tarreessuuf achi keessaa Creative commons    Kan jedhu tuquun Apply  Isa jedhu cuqaasna.

San booda video yoo ati buuftee lakkifte copyright. Hin qabne tarreessee waan siif fiduuf achirraa buusudhaan editing xiqqoo eerga itti daddabaltee deebiftee YouTube irratti feeta jechuudha.

2.Tooftaa channel haaraa banuu !

Kun ammoo channel YouTube haaraa banuun video nama tokkoo YouTube irraa akkuma buufneen channel haaraa sana irratti gad-lakkisuun creative common  dhaan lakkifte jechuudha.

Sana booda eerga video sun Upload godhee xummuree YouTube irraa buuftee editing xiqqoo itti daddabaluun Channel Kee Isa ittiin monetize gochuuf yaalterratti lakkifta.

Kana malees gama google keessa seenudhaan, fuula marsariitii pixabay jedhamu keessa lixuun video quality gurguddaa qaban heedduu Kan copyright irraa bilisa taa”an waan argattuuf achi keessa seentee video heedduu buufachuudhaan sagalee Kee itti maktee dalaguu dandeessa, kana malees fuula marsariitii kanarraa suurota miliyoonan lakkaa’aman heedduun tolaan waan argamaniif background suura keessaniif kanneen itti tajaajilamtan fayyadamoo sin taasisan,ittima fufuunis marsariitii kanarraa sagaleewwan classical kanneen video keessan keessatti godhachuu dandeessan copyright irraa bilisa taa’aniin Kan badhaadhe waan ta’eef itti gammadoo taatuu jechuudha.

So mala kana lameenitti sirnaan yoo fayyadamtan milkaa’uu waan dandeessaniif ammuma eegalaan siniin jedha.

Similar Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *