Dubartii guyyaa sadiif mana fincaanii keessaa turte

Dubartiin gannaa 54 lammii Taayilaand qofaa ishee jiraattu tokko mana fincaanii seentee akka tasaa karaa alaan ofitti cufte. Yeroo dhimma ishee xumurattee ba’uuf jettu waanti isheen hin yaadne ishee mudate. Balabala banuuf gaafa jettu balballi banamuu dide. Manni fincaanii sun balballi isaa cabee waan tureef, yeroo isheen seente karaa keessaa utuu hin taanee karaa alaa cufame ture. Dubartiin kun yeroo balaballi irraa banamuu didu akka namni birmatuufi balbala mana fincaanichaa rukutu eegaltee garuu namni ishee dhaga’e hin turre. Bilbila namatti bilbilachuufis bilbila ishee mana fincaanii sana fuutee hin seenne. Yeroo dheeraaf balbala erga rukuttee namni ishee dhaga’u erga dhibee booda abdii kutattee taa’uutti kaate. Gaafa guyyaa 2ffaas bariidhaan kaatee yeroo dheeraadhaaf balbala reebaa turte garuu har’aa namni ishee dhaga’u hin turre, erga afaanin waa qabde guyyaa tokko darbeera sababii yeroo dheeraa Iyyaasuu turteef baayyee dhadhabde humna argachuuf bishaan boolla mana fincaanii keessaa dhuguuf dirqamte.

Achi keessaa waan argatte irrattis akkas jettee barreessite ” erga gaafa Hagayya 22 mana fincaanii kana keessattin qabame jira,yoon du’e mucaa koo naa kunuunsas,ani lubbuun jiraachuuf jedhe bishaan as keessa dhugeera. As keessaa ba’uuf yaalii godhus hin milkoofne,namni na gargaarus hin argamne.”jette barreessitee turte.

Gaafa guyyaa sadaffaa obboleettiin ishee bilbilteefis ta’e kan dur guyyaa guyyaa wal argan amma gaafa bakka buute ishee dhabdu pooliisii Baangkok beeksiste.
Poolisoonnis gara mana dubartii kanaa deemanii gaafa balbala rukutan namni jalaa deebisu hin turre. Sana booda cabsanii seenuuf dirqaman. Erga seenasiis sagaleen homtuu hin jiru,mana keessa olii gadii deemanii reeffas haa ta’u jiraa ishee barbaadu eegalan. Iddoo hundumaa ilaalan hin jirtu, amma kan hafe mana fincaanii qofa. Isa bira ga’aanii cabsanii gaafa seenanii dubartii of dadhabdee utuu isheen cistuu argan. Miira isheerra jiru gaafa hubatanis miira dadhabbii fi guyyaa sadiif sababa nyaata hin nyaanneef baayyee bututtee turte. Isaanis yeroma sana dafanii mana yaalaa naannoo sana jiru geessaan. Fayyaa isheettis deebiteetti

Similar Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *